Damiina eLearning'n barnoota Galmee Barnoota Digital Marketing Afaan Oromootiin barsiisuuf qopheessuun haal duree hunda xumuree namoota ogummaa gabaa dijitaalaa barachuu barbaadaniif galmee barattootaa banee isin eegaa jira. Carraa kana fayyadamuun beekumsaafi ogummaa Digital Marketing horadhaa, dandeettii dijitaala keessan ijaaraa galii dhaabbata argadhaa.
Waa'ee Barnootaa
Barnoonni kun turtii ji'a sadii (baatii 3) kan fudhatu yoo ta'u, barnoonni galgala galgala sa'aatii 2:30 hanga 4:00 tti ni kennama. Barnoonni karaa website keenya Damiina eLearning irratti Live (Kallattiin) ni kennama.
Namoonni barnoota kana irratti hirmaachuu barbaaddan ulaagaalee galmee armaan gadii guutuun kaffaltaa barnootaa raawwachuun galmaa'uu dandeessu.
Ulaagaa Galmee
- Afaan Oromoo barreessitee dubbisuu danda'uu qabda.
- Kaffaltaa barnoota waliigalaa jechuunis yeroo tokko kaffaltii raawwachuu qabda. Kaffaltiin ji'a ji'aan kaffalamu hin jiru. Gatiin barnootaa waliigalaa qarshii kan sababa addaa yookiin gahaa qabu immoo keessoon nuuf dhiheesse gatiin irrachuufi danda'a 4,000 (Kuma Afur) dha.
- Erga kaffaltaa raawwattanii booda nagahee, screenshot ykn receipt kaffaltaa keessanii karaa keessoon nuuf erguun form galmee isiniif ergamu guutuu qabdu.
Turtii Yeroo Barnoonni Itti Xumuramu
Ji'a Sadii (Baatii 3)
Sa'aatii Barnootaa
Galgala galgala sa'aatii 2:30 – 4:00 tti.
Karaa Barnoonni Itti Kennamu
Barnoonni karaa website eLearning keenya elearning.daminaa.org irraan Live (Kallattiin) ni kennama.
Website Barnootaa IlaaluufKaffaltaa Barnoota Kafali
Button armaan gadii "Kaffaltaa Barnoota Kafali" jedhu cuqaasuun lakkoofsa herreegaa kaffaltii argachuu dandeessu.
Unka Galmee Online
Maqaa guutuu, email, lakkoofsa bilbilaa fi screenshot kaffaltii keessan galchaa.
Galmeen keessan erga ergamee booda kaffaltiin adminiin ni sakatta’ama. Kaffaltiin ofumaan hin mirkanaa’u.
Galmaawuuf Ararso Qunnamaa
Odeeffannoo dabalataa argachuu ykn galmee keessan irratti gargaarsa barbaaduuf karaa armaan gadiitiin nu qunnamaa.
Beeksisa Barnoota Afaan English
Namoonni Afaan English barachuu irratti fedhii qabdan yoo jiraattan,nu qunnamaa.
Namoonni fedhii barnoota Afaan English barachuu qabdan baay'inaan yoo argaman, isin galmeessinee barnoota Afaan English akka barattan carraa isiniif mijeessina waan ta'eef niin barbaada jedhaa nuuf barreessaa.
Fedhii keessan nuuf ibsaa. Yoo baay'ina barattootaa barbaachisu arganne, galmee barattootaa banuun barnoota kana ni jalqabna.